Miidiyaaleen waldhabdee uumame akkaataa isaan ittiin gabaasan ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha olaanaa qaba- Hayyoota
Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC)- Miidiyaaleen waldhabdee uumame akkaataa isaan ittiin gabaasan ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha olaanaa qaba jedhan hayyoonni.
Waltajjiin Gumii Balal Marsaa 11ffaan Mata duree ‘Ijaarsa biyyaafi gahee miidiyaalee’ jedhu qopheessummaa waajjira Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qophaaheerratti mari’atamaa jira.
Waltajjicharratti hayyoonni damichaa fi ogeessonni miidiyaas irratti hirmaachaa jiru.
Furtuun waldhabdee ykn walitti bu’iinsa uumame gama nagaan hiikuu odeeffannoo sirriifi dhugaa irratti hundaa’e kennuudha.
Kana keessatti ammoo gaheen miidiyaaleen qaban guddaadha ta’uu waltajjichaan ibsameera.
Miidiyaaleen wayita gabaasa dhiheessan dhugaa lafa jiru qofaa irratti hundaa’uu qabu jedhameera.
Yoo kana hin taane odeeffannoon miidiyaaleen dabarsanii fi dhugaan lafa jiru wal simuu dhabuun biyyallee rakkoorra buusuu mala.
Miidiyaaleen wayita gabaasa isaanii dhiheessan fedhii qaama hawaasaa gabaasicha hordofuu qofaa eeguu osoo hin taane,gabaasichaan booda bu’aawwan argaman xiinxaluun barbaachisaadha jedhu Hayyoonni Miidiyaa waltajjichaarratti hirmaatan.
Miidiyaaleen odeeffannoo dabarsan hunda miira itti gaafatamummaatiin hawaasa isaan hordofuuf dhiheessuuf dirqama qabu.
Kana malees dambii ittiin bulmaataa Abbaan Taayitaa Sabquunnamtii lafa kaawwate hojiirra oolchuun dirqama miidiyaaleeti.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.