Koolleejjiin Paaradaayiz Vaalii damee Shaashamannee barattoota kuma 11 fi 956 eebbisiise
Finfinnee, Hagayya 23, 2013 (FBC)- Koolleejjiin Paaradaayiz Vaalii damee Shaashamannee barattoota muumee garagaraatin barsiisaa turee kuma 11 fi 956 eebbisiiseera.
Sooressii fi abbaan koolleejjichaa Obbo Ayyalee Korroosoo, karaan hiyyummaa seenaa ittiin goonu barnoota qofa waan ta’een xiyyeeffannoon barannee hojiitti jijjiiruu qabna dubbataniiru.
Keessummaan kabajaa Itti gaafatamaa waajjira diinagdee magariisaa Addunyaa damee Ityoophiyaa Obbo Gammadoo Daalee addunyaan nama barateen hoogganamtii, ammas cimsitanii barachuu fi hojjechuun biyya teenya addunyaatti dorgamaa akka taasisan dhaamaniiru.
Eebbifamtoonnis ogummaa argataniin hawaasa tajaajiluuf qophiidha jedhaniiru.
Kitaabni ‘qabsoo ayyalaa korroosoo fi duula baratanii barsiisuu Dargaggoota Arsii 1952-1984 E.C’ jedhus qindeessummaa Obbo Ayyalaa Korroosoo fi barreessummaa Abdiisaa Turiin dhiyaate eebbifameera.
Kitaabni Kunis galiin irraa argamu manneen barnoota hawaasa naannawa Shaashamannee ijaaruuf oola jedhame.
Jibriil Huseentu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.