Koolleejjiin Seenaaboor kaampaasii Shaashamannee barattoota kuma 1 fi 64 barsiisaa ture eebbisiise
Finfinnee, Hagayya 22, 2013(FBC)- Koolleejjiin Seenaaboor kaampaasii Shaashamannee barattoota kuma 1 fi 64 barsiisaa ture eebbisiiseera.
Barattoonini kan eebbifaman sagantaa BLTO leenjii ogummaa fi teeknikaatiin.
Barattootaa eebbifaman keessaa barattoonni 376 dubartoota.
Koolleejjichi erga Magaalaa Shaashamanneetti hundaa’ee barattoota ogummaa garagaraan leenjisee ebbisiisuun kun isa jalqabaa ta’uudha kan ibsame.
Eebbiifamtootni ogummaa eebbifamaniin osoo hojii hin tufannee karaa haqa qabeessaan hawaasa akka tajaajiilan Diiniin Koolleejjii Seenaaboor Obbo Marrataa Abarraa hubachiisanii jiru.
Barattootni eebbifaman kunniin ogummaan leenji’an isa jalaqabaa ta’uu hubataanii kana boodas ogummaa isaanii guddifachuu akka qabani kan dubbatan.
Barnootni hundee guddinaa ta’uu isaatiin koolleejjiin Seenaaboor barattoota ogummaan gahoomsee leenjisuun seenaa gaarii hojjechuu irratti akka argamu abbaan qabeenyaa koolleejjichaa Obbo Yuusuf Adeem dubbatanii jiru.
Barattoonni eebbifaman ogummaa argataniin hojii hojjatan keessatti akkaan dorgomaa ta’anii bahuusaaniitiin beekumsa gonfatan fayyadamanii carraa hojii motummaa qofa eeggachuu osoo hin taane ogummaa isaaniitiin gara hojiitti galuun namoota birootiifis carraa hojii uumuu akka qabanis Obbo Yuusuf Adeem dhamaniru.
Koolleejjichi yeroo itti aanuu ogummaa biyyattii jijjiiruu danda’aniif digrii fi maastarsiin barsiisuuf qophii kan xumure ta’uus dubbataniiru.
Koolleejichi Barattoota 10 bilisaan barsiisuun akka eebbisiises ibsameera.
Lammaa Tasfayeetuu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.