Dooktar Abiy Ahimad Ilma Mootii Saa’udii waliin bilbilaan mari’atan
Finfinnee, Hagayya 22, 2013(FBC)- Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ilma Mootii Saa’udii, itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Raayyaa ittisa biyyaa Mohaammad Biin Saalmaan Biin Abdullaaziiz waliin bilbilaan mari’ataniiru.
Marii isaaniin dhimmoota waloo biyyoota lamaaniirratti mari’achuusaanii gabaasni gaazexaa Saa’udii ni ibsa.
Ilmi Mootii Saa’udii marii isaaniin guddina uummattoota Ityoophiyaa fi badhaadhinaa akkasumas Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif ammoo milkaa’ina hawwaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.