Fana: At a Speed of Life!

Talaalliin Covid -19 Afrikaaf ergame gahaa kan hin taane ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiise

Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Talaalliin Covid -19 Afrikaaf ergame dachaa sadiin dabaluus gahaa kan hin taane ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiiseera.
 
Kutaaleen hawaasaa Ardichaa talaallicha fudhatan % 3 gadi ta’uu Gidduugalii Ittisaa fi To’annoo dhibee Afrikaas ibseera.
 
Raabsi talaallichaa haqa qabeessaa miti jechuun komateera.
 
Torbee darbe talaalliin Covid -19 Afrikaaf ergamu dachaan 3 guddachuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kan beeksiise yoo ta’u,Dooziin miiliyoonni 13 raabsamuu ibseera.
 
Kunis hanga Bara Faranjootaa Baatii Fulbaanaa 2021tti karoora talaallii % 10 qaqqabsiisuuf karoorfametti gufuu ta’uu himameera.
 
Torbee darbe Adrichatti lammiileen kumni dhibbi 2 fi kumni 48 vaayrasichaan kan qabaman yoo ta’u, biyyoota Afrikaa 28 keessatti gochi vaayrasii Koroonaa Deeltaa jedhamu argamuu eeramera.
 
Maddi:-Aljazeera
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.