Yuunvarsiitii Booranaa yeroo jalqabaatiif barattoota simatee barsiisuuf qophii xumuruu beeksise
Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitii Booranaa yeroo jalqabaatiif Hagayya 27, 2013 barattoota simatee barsiisuuf qophii xumuruu beeksise.
Yuunvarsiichaatti meeshaaleen Simannaaf guutamuu qaban hundi guutamuunis himameera.
Yuunvarsiitichi bara barnootaa 2014, barattoota 600 simatee barsiisuuf qophii xumureera.
Bu’uuraaleen misoomaa adeemsa hojii baruufii barsiisuu milkeessan hundi guutamuus beeksisee jira.
Rakkoo bishaanii naannichatti mul’atu furuuf boollii bishaanii qotamee xumuramee kan jiru, yeroof ammoo roottoon abba litira kuma kudhanii iddoo barbaachisuu hundaatti dhaabbatee tajaajila kenna jira.
Hawaasii Yuunvarsiitichaas barattoota simachuuf qophii taasisaa jira jedhaan Preezdaantii Yuunvarsiitii Booranaa Dooktar Bokku Xacheen himaniiru.
Jiraattonni Magaalaa Yaaballootis barattoonni gaafa dhufan, tajaajila isaan irraa barbaadu mara akka argatuuf fuula dansaan simachuuf qophii tahuu himan.
Yuunvarsitin kun namoota hedduuf carraa hojii uumee jira.
Yeroo ammaa, barnoota dhuma torbee jechuun weekend barsiisuuf galmee calqabuunsaa carraa dachaa naannichaatiis jedhuun OBN gabaaseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.