Aadde Caaltuu Saanii magaalaa Bishooftuutti koree tasgabbii gabaa waliin mari’atan
Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)- Itti Aantuun Preezdaantii fi Qindeesituun Kilaastera Misooma magaaloota Oromiyaa Aadde Caaltuu Saanii magaalaa Bishooftuutti koree tasgabbii gabaa waliin mari’ataniiru.
Qalaa’insa jireenya yeroo amma kana ummata keenya rakkoo keessaa galchaa jiru kun waraanaa yeroo amma biyyarratti aggaamama jiruun adda baafame hin ilaalamu waan ta’eef, qamni dhimmi ilaallatu hawaasa kanaf furmata barbaduu qaba jedhaniiru.
Waraanni qalaa’insa gabaa kun waraanaa sagaalee hin qabne gaaruu kan ummata keenya rakkoo haama keessa galchaa jira waan ta’ef kooreen magaalaa kutannoo fi xiyyeeffannoon hojjechuu qaba jedhaniiru.
Kantiibaan magaalaa Bishooftuu aadde Alamtsehaay Shifarraa, rakkoo qalaa’insaa gabaa kana tasgabeessuf mootummaa qofaa osoo hin taanee qaamni sadarkaa sadarkaan jiru dirqama qaba jedhaniiru.
Magaalaa keessatti daldaltoota seeraan alaa hedduu irratti tarkaanfiin fudhamu kaasaniiru.
Koreen tasgabbii gabaa ammas hojii qalaa’insaa gabaa hawaasa rakkoo keessaa galchaa jiru kana hunderraa furuuf hojjechuu qaba jedhan.
Miidhaksa Qaachaatu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.