Hospitaalli waliigalaa Aggaaroo deeggarsa meeshaa yaala dhibee hatattamaa Birrii miliyoona 14tti tilmaamamuu Ministeera Fayyaarraa argate
Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)- Hospitaallii waliigalaa Aggaaroo deeggarsa meeshaa yaala dhibee hatattamaaf isa gargaaran Birrii miliyoona 14tti tilmaamamuu Ministeera Fayyaarraa argateera.
Hospitaalichi dhibee hatattamaaf maammiltootasaa gara Giddugala fayyaa Yuunvarsiitii Jimmaatti eergaa kan ture.
Kun immoo baasii addaaf kan isaan saaxilaa tureera.
Daayreektarri Kilinikaalii Hospitaala Aggaaroo Dooktar Abdulkarim Gaalib akka jedhanitti, hospitaalli Aggaaroo tajaajila isaa yeroodhaa yerootti foyyeessaa kan jiruu fi gara fuula duraafis wiirtuuwwan adda addaa banachuun hojjechuuf qophii ta’uu himaniiru.
Hospitaalli waliigala Aggaaroo hawaasa aanaa Gommaa dabalatee, Saxxammaa, Sigmoo, aanaalee godina Buunnoo Bedelleef tajaajila kennaa jira jedhan Dooktar Abdulkarim.
Hospitaalichi Bara 2006 hojii eegaluun isaa ni yaadatama.
Abdurehmaan Mahammedtu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.