Preezdaant Saalvaa Kiir Maayariidiit daawwannaa hojiif Finfinnee galan
Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayariidiit daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.
Preezdaantiichi wayita buufata Xiyyaaraa Boolee Idil Addunyaa ga’aan Muummee Mninisteera FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiilii fi Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Qana’aa Yaadataa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo biroon simannaa taasisaniiruuf.
Turtii isaanii Ityoophiyaatin hoggantoota mootummaa olaanoo waliin hariiroo biyyootaa lamaanii fi dhimmoota biroorratti ni mari’atuun eegama.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.