Fana: At a Speed of Life!

Lo’ee seenaan gareen shororkeessaa ABUT qabeenyaa qonnaan bultoota aanolee Daabaarq saamee baqataa jira

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC)- Lo’ee seenaan gareen shororkeessaa ABUT qabeenyaa qonnaan bultoota aanolee Daabaarq saamee baqataa jiraachuu bulchaan bulchiinsa Godina Gondar Kaabaa obbo Yaala’alaam Faantaahuun ibsaniiru.
Obbo Yaala’alaam miidiyaleef akka ibsanitti, gareen shororkeessaa ABUT irratti raayyaa ittisa biyyaa fi humnoota nageenyaa adda waaraanaa Maayitsaabriitti kisaaraa guddaa irraan gahaa jiru jedhaniiru.
Garichi aanolee Gondaar Kaabaatti dhaabbilee mootummaa fi namootaa dhuunfaarratti saamichaa raawwachaa jiraachuu himaniiru.
Maashinootaa fi konkolaattoota ijaarsa daandiirra jiran saamaa raawwachuu ibsaniiru.
Dabalataanis miidhaan qonnaan bultootaa fi loowwan hatee bada jiraachuudha kan ibsameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.