Ambaasaaddar Reedawaan miseensota biyyoota Yaa’aa olii Naayil waliin mari’ataniiru
Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) –Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedawaan Huseen Ambaasaaddaroota biyyoota Yaa’aa olii Naayil waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Ityoophiyaan itti fayyadamni biyyoota yaa’a laga Naayil gidduutti haqa qabeessaa fi sababawaa akka ta’uuf ejjennoo cimaan biyyoota yaa’ichaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa turuu kaasaniiru.
Marii kana caalmaatti cimsu gaggeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Biyyoonni waliigaltee itti fayyadama laga naayil waliigalaa mallatteessan, Raggaasiisan, kanneen hin raggaasiisne jiraachuu himuun, biyyoonni hin mallatteessinee fi hin raggasiifne akka mallatteessanii fi raggaasiisan taasiisuuf tattaaffiin godhamaa jiraachuu eeraniiru.
Ambaasaaddarootan biyyoota kanneenii gama isaaniin qabeenyoota daangaa ce’aa misooma waloof oolchuuf tumsaan hojjechuun barbaachisuu ta’uu kaasaniiru.
Dhimmoonni Afrikaa Afrikaanoota qofaan furmaata argachuu akka qabu eeruu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.