Ejansichi sodaan nageenyaa saayibara dhaabbilee hundaarra jiraachuu ibse
Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC)- Ejansiin Nageenya Odeeffaannoo sakattoo saayibari 2013 taasiseen dhaabbilee 60 ta’aan irratti saaxilamuummaa haleellaa saayibarii adda baasuu fi hanqinoonni akka sirreeffamaan taasisuu ibseera.
Ejansichatti hogganaan sakattoo nageenyaa saayibaraa fi diviizhinii gamaggamaa obbo Dassaleenyii Waldagiyoorgiis akka himanitti, bara baajata 2013tti dhaabbatichi dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa 60 ta’aan irratti sakattoo nageenyaa cimaa kan taasiseera jedhan.
Dhaabbatichi saaxilamummaa sadarka olaanaa hanga gadi aanaa akka turan hubachiisaniiru.
Nageenya saayibari adda baafamaan keessaa %84.5 kan ta’aan dhiibbaa guddaa kan qaqqabsiisaan yoo ta’u, %8.9 ammoo sadarkaa giddugaleessaa %6.6 ammoo gadii aanaa kan jedhaman akka turan hogganichi ibsu ragaan ejansichaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.