Umrii garee shororkeessaa gabaabsuuf murannoon kaaneerra – Duultoota Adda Waraanaa Walloo
Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC) – Umrii garee shororkeessaa ABUT gabaabsuuf murannoon ka’uu isaanii duultoonni Adda Waraanaa Walloo ibsaniiru.
Garee Shororkeessaa faallaa biyyaa fi uummataa ta’an barbadeessuuf qophii ta’uu hidhattoonni, Raayyaan Ittisaa Biyyaa, humni addaa fi Milishaan adda Waraanaa Walloo ibsaniiru.
Hidhattoonni, Raayyaan Ittisaa Biyyaa, humni addaa fi Milishaan adda Waraanaa Wallootti argaman qindoominaan hojjechaa jiraachuu Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.
Injifannoo boonsaa galmeessaa jiraachuus eeraniiru.
Deeggarsi jiraattoonni naannichaa taasiisaniif injifannoo argameef qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.
Miseensonni Raayyaa Ittisaa kunneen umrii diinaa gabaabsuuf murannoon ka’uu kaasaniiru.
Afawarq Iyyaayyuu fi Leeyikuun Alamtu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.