Jiraattonni godina Walloo lameen mineensoota raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasisaa jiraachuun himan
Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC)- Jiraattonni godina Walloo Kaabaa fi Kibbaa miseensoota raayyaa ittisa biyyaa adda waraanaa Walloo jiraniif deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Miseensoonni garee ABUT weerara kutaalee biyyatti dabalate godina Walloorratti taasisaa jiran jedhu jiraattonni godinicha.
Weerartoota gareen shororkeessaa ABUT hawaasa godina Walloo irratti gaggeessaa jiru ittisuuf tarkaanfii raayyaa ittisaa biyyaa fudhata jiru kan deeggaraan ta’uu ibsaniiru.
Gama biran jiraattonni godinicha deeggarsa qabeenya isaaniin taasisaa jiraniin alaas, ogummaa qabaniin kan deeggaran ta’uu himaniiru.
Mineensoonni raayyaa ittisa adda waraanaa Walloo jiranis deeggarsa hawaasa irraa taasifamafii jiraachuu himaniru.
Gammachuu Beekumatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.