Fana: At a Speed of Life!

Atleet Darribee Waltajjii fi Taaddasaa Taakkalaa meedaaliyaa meetii dabalataa Ityoophiyaaf argamsiisan

Finfinnee, Hagayya 16, 2013 (FBC) –Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii 18ffaa Keeniyaa Naayiroobitti gaggeeffamaa jiruun Atleet Darribee Waltajjii fi Taaddasaa Taakkalaa meedaaliyaa Meetii dabalataa Ityoophiyaaf argamsiisaniiru.

Fiigicha meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti gaggeeffameen Atleet Darribee Waltajjii fi meetira kuma 3 gufachiinsaan dhiiroota gidduutti fiiggameen Atleet Taaddasaa Taakkalaa 2ffaa ba’uun meedaaliyaa Meetii tokko tokko Ityoophiyaaf argamsiisaniiru.

Atleet Saamu’eel Fireew 4ffaa ba’uun Dippiloomaa argateera.

Fageenya meetira 800 dhiirootaan ammoo Atleet Daani’eel Waldee 5ffaa ba’uun Dippiloomaa argachuu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.