Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti karoorri Ekisteenshinii Fayyaa waggaa 15 ifoome

Finfinnee, Hagayya 16, 2013 (FBC) –Biiroon Eeggumsa Fayyaa Naannoo Kibbaa karoora Ekisteenshinii Fayyaa waggaa 15 ifoomeera.

Naannichati kana dura karoorri Ekisteenshinii Fayyaa jijjiirrama hedduun fidus tajaajila guutuu ta’e laachuu hin dandeenye jedhame.

Karoorri haaraan kun rakkoolee turan furuun tajaajila Fayyaa kan fooyyeessu ta’uu ibsameera.

Karoorri haaraan kun tajaajila Fayyaa qulqullina qabu haala salphaan waliin ga’uuf kan bocame ta’uu Daayreektarri Daayreektoreetii Ittisaa dhibee fi babal’ina Fayyaa naannichaa obbo Maalee Maatee ibsaniiru.

Karoora kana hojiitti hiikuuf qabeenyii fi ogeeyyiin hedduun kan barbaachisan ta’uu ibsameera.

Xilahuun Yilmaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.