Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxaafeen jila Paarlaamaa Keeniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 16, 2013 (FBC) – Itti aanaan Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxaafee Mahaammad jila Paarlaamaa Keeniyaa waajjira isaaniitti simachuun dubbisaniiru.

Obbo Musxaafeen hojiilee naannoo Somaaleetti waggoottan sadan darban gama nageenyaa, Fayyaa, Daandii fi Barnootaan hojjetamanirratti jilichaaf ibsa taasiisaniiru.

Jijjiirramaa as naannichatti seektaroota garaagaraa keessatti fooyya’iinsi guddaan jiraachuu ibsaniiru.

Miseensonni Paarlaamaa kunneen gama isaaniin ibsa taasiifameefitti gammaduu ibsuuniiru.

Naannichaa muuxxannoo gaarii argachuu eeruun, muuxxannoo argatan naannolee Keeniyaa garaagaraa keessatti hojiitti kan hiikan ta’uu dubbachuu isaanii miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.