Fana: At a Speed of Life!

Miseensoonni ogeeyyii Aartii garee Humna Qilleensaa Ityoophiyaa leenjitoota loltuu idilee fi Teeknikaaf qophii garaagaraa dhiyeessan

Finfinnee, Hagayya 16, 2013 (FBC) – Miseensoonni Ogeeyyii Aartii garee Humna Qilleensaa Ityoophiyaa leenjitoota Mana Barumsaa loltuu Idilee fi Teeknikaa Awaash Arbaatti leenji’aa jiraniif qophii garaagaraa dhiyeessaniiru.

Kaayyoon garee shororkeessaa ABUT gootichaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa fi lammiilee biyyaa isaanii jaalataaniin faashalaa’a jiraachuu Daayreektarri Indooktireeshinii Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Kolooneel Tashoomaa Badhaadhaa himaniiru.

Gareen kun humnoota biyyaa keessaa fi alaa Ityoophiyaa diiguuf waliin hiriiruun badii garaagaraa hojjechaa jira jedhan.

Ityoophiyaan humna badii kaamiinuu biyyaa diigamtuu akka hin taane hubatamuu qaba jedhaniiru.

Ajajaa Olaanaan Mana Barumsaa loltuu Idilee fi Teeknikaa Awaash Arbaa Birgaadeer Jeneraal Taamasgeen Abboosee gama isaaniin lammiileen waamicha birmadummaa biyyaa kabachiisuu dhiyaateef fudhachuun hunduu ogummaa fi dandeettii qabuun irratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Miseensoonni ogeeyyii Aartii garee Humna Qilleensaa Ityoophiyaa hamilee miseensoota Raayyaa Ittisaa Biyyaa dadamaqsuun qooda ba’an galateeffachuu TOI gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.