Fana: At a Speed of Life!

Biyya keenyaa haleellaa garee shororkeessaa ABUT irraa ittisuuf qophiidha – Leenjitoota loltummaa

Finfinnee, Hagayya 16, 2013 (FBC) –Biyya keenyaa haleellaa garee shororkeessaa ABUT irraa ittisuuf yeroo kamiiyyuu qophii ta’uu Leenjitoonni loltummaa Giddugala Leenjii Bulbulaatti argaman ibsan.

Leenjii Raayyaa Ittisaa cinaa hiriiruuf isaan dandeessisu fudhachaa jiraachuu dubbattaniiru.

Gareen Baandii Oksitiraa Raayyaa Ittisaa leenjitoota kanneeniif qophii yeeddaloo garaagaraa dhiyeessuun jajjabeessaniiru.

Leenjitoonni kunneen murannoo jaalaala biyyaa qabaniin leenjichaaf haala mijataa uumuu Ajejaa Olaanaan Giddugala leenjichaa Kolooneel Taadduu Indaalee ibsaniiru.

Fedhii fi miira jaalala biyyaan halkanii guyyaa leenii fudhachaa jiraachuu eeraniiru.

Leenjitoonnis ga’umsaa gaariin eebbifamuuf hamilee fi fedhii qaban olaanaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Fuula Feesbuukii Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.