Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Dhaabaan durfamu Godina Harargee Bahaatti hojii misoomaa daawwate

Finfinnee, Hagayya 16, 2013 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu Godina Harargee Bahaatti hojiilee misoomaa daawwate.

Jilli kun Aanaa Baabbilee Araddaa Erer Ibaadaatti argamuun oomisha kilaastera Bishingaa daawwateera.

Araddichatti qonnaan bultoonni lafa hektaara 700 irratti Bishingaa kilaasteraan misoomsaa jiru.

Qonnaan bultoonni aanichaa Bishingaa sanyii filatamaa ‘malkaam’ jedhamu ji’a 3tti ga’u kilaasteraan teeknooloojii qonna guutuutti fayyadamuun oomishaa jiru jedhame.

Hojiin qonnaan bultoonni hojjechaa jiran jajjabeessaa ta’uu obbo Dhaabaan ibsaniiru.

Rakkoo bishaanii qaban qorannoon adda baasuun deeggersa barbaachisu taasiisuuf kan hojjetamu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.