Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atleetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii 18ffaan har’a ni xumurama

Finfinnee, Hagayya 16, 2013 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii 18ffaa Keeniyaa Naayiroobitti gaggeeffamaa jiru har’a ni xumurama.

Fiigicha xumuraa har’a gaggeeffamuun Atleetoonni Ityoophiyaa fageenya 4 ni hirmaatu.

Shaampiyoonaan Hagayyaa 12, 2013 eegalee guyyoota 5f gaggeeffamaa har’a xumura argata.

Fageenya meetira 800 Atleet Daani’eel Waldee, Meetira kuma 1 fi 500 dubartootaan Hiyiwat Mahaarii fi Daribee Waltajjii, meetira kuma 3 gufachiisaa dhiirootan Saamu’eel Fireew fi Taaddasaa Taakkalaa Ityoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaatu jedhame.

Akkasumas fageenya meetira kuma 5 dubartootaan Atleet Miizan Alamii fi Malikinaat Wudduu,meetira 400 ulee walharkaa fuudhiinsaa dubartootaan Atleetoonni Ityoophiyaa ni hirmaatu.

Fiigichi xumuraa kunneen sa’aatii 9:30 irraa eegalee hanga waariitti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Federeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.