Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichii fi waamamtoonni isaa Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii fi dhaabbileen waamamtootaa Raayyaa Ittisa biyyaaf deeggarsa taasiisaniiru.
Dhaabbileen kunneen akaakuu fi maallaqa birri miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 30tti tilmaamamu Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisuu ibsameera.
Hojjettoonni dhaabbilee kanneenii mindaa ji’aa tokko birrii miiliyoona 16.5 deeggarsa taasiisaniiru.
Baasii garaagaraa dhaabbilee kanneenirra hir’isuun Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 13.4 deeggarsaan laatamuu EBCn gabaaseera.
Manneen hojii kunneen deeggarsa isaanii cimsanii kan itti fufan ta’uu himameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.