Qaamolee daba diinagdee uumaanirratti tarkaanfiin ni fudhatamaa-Bulchiinsa magaalaa Finfinnee
Finfinnee, Hagayya 14, 2013 (FBC)-Itti aantuun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanch Abeebee qaamolee daba diinagdee uumaanirratti tarkaanfiin ni fudhatamaa jedhaniiru.
Qaamolee daba diinagdee uumuun daballii seeraan alaa kan taasisan, hir’ina omishaa namtolchee kan uumanii fi jireenya tasgabbaawaa ummatichaa jeequuf, akkasumas biyya diiguuf kan hojjetanii fi kan deeggaran diina biyyaa fi ummataa irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne nifudhanna jedhan aadde Adaanach Abeebee.
Aadde Adaanach Fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti, har’a gochaa kana olaantummaan kan hogganuu fi hordofu Mootummaa Federaalaa fi bulchiinsa magaalichaatiin kan hundeeffame koreen taaski foorsii tokko hundeessineerra jedhan.
Waan ta’eefis jiraataan magaalaa keenyaa hundi dhaabbilee fi namoota dhuunfaa hojii alseerummaa kanarratti hirmaataa jiran saaxiluu fi eeruun akkuma kana duraa waliin akka hojjannu dhaamsa dabarsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.