Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa lammiilee Kaaba Wallootti buqqa’aaniif deeggarsa meeshaalee garagaraa taasise

Finfinnee, Hagayya 14, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa lammiilee Kaaba Walloo sababa haleellaa juuntaan buqqaa’anii Magaalaa Dassee fi Kombolchaatti argamaniif deggarsa meeshaalee garaagaraa taasiseera.

Yuunvarsiitichi hawaasa naannoo Amaaraa godina Walloo Kaabaa irraa buqqa’aniif Ansoolaa 300, Saanii nyaataa 500, jaarkaanii bishaanii guddaa fi xiqqaa 400, saamunaa kaartoona 20, dabalatee meeshaalee qulqullinaa haadholii da’umsaaf Oolu fi meeshaalee nyaata bilcheessuuf oolan deggarsa taasiseera.

Deggaarsi ammaa kun yuunvarsiitii Walloo deemuun buqqaatotaaf kan raabsamu taa’a.

Yuunvarsiitichi yeroo itti aanutti buqqaatota naannoo Affaarii fi Gondar deggaruufis meeshaalee deggarsa qopheesseera.

Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa raayyaa ittisa biyyaaf deggarsa adda addaa taasisaa turu kan himan preezdaantiin Yuunvarsiitiicha Dooktar Uba Adam deggaarsi kun cimee itti fufa jedhaniiru.

Hanga gareen juuntaa dhabamutti yuunvarsiitichi deggarsa ogummaa yoo barbaachisee illee raayyaa ittisa

biyyaa cina kan dhaabbatu ta’uu himaniiru.

Biqilaa Alamuutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.