Lammiilee sababa garee shororkeessaa ABUT tiin qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an kuma dhibba 3 fi kuma 76 oliif deeggarsi namoomaa dhiyaate
Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC) – Lammiilee sababa garee shororkeessaa ABUT tiin qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an kuma dhibba 3 fi kuma 76 oliif deeggarsi namoomaa dhiyaachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksiise.
Lakkoofsi Lammiilee naannoo Amaaraa fi Afaarii buqqa’an daraan dabaluu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa Mitikkuu Kaasaa turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasiisanii ibsaniiru.
Naannoo Amaaraatti lammiilee kuma dhibba 3, naannoo Afaaritti lammilee kuma 76f deeggarsi midhaan nyaataa fi nyaataan dhiyaachuu dubbataniiru.
Waliigala lakkoofsi lammiilee sababa garaagaraan buqqa’anii miiliyoona 11 ga’uu eeraniiru.
Hayilayasuus Makoonniintu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.