Fana: At a Speed of Life!

Naayijeeriyaan kadhaa fi daldala daandii irraa dhorkite

Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC) – Naayijeeriyaatti mootummaan naannoo Leegoos kadhaa karaarraa dhorkuu ibsame.
Mootummaan naannichaa rakkoo kana dhaabsisuuf garee addaa hundeessee hojii jalqabuufi jedhame.
Qondaalli dhimma dargaggootaa fi guddina hawaasaa irratti hojjetan Olusegun Daawodu kadhattoonni lammiilee namuusa kabajan jeeqaa turan jedhan.
Olusegun Daawodu kadhattoonnii fi daldaltoonni karaarraa, ijoolleen illee otoo hin hafiin kutaa biyyattii biraarraa gara magaalaa kanaatti akka godaanan taasifamu jedhan.
‘Daldalli’ isaan irratti raawwatu sarbama namummaa, keessumaa ijoolleen gara hojii kanatti akka galan dirqisiifamaniif.
Gariin isaanii immoo magaalaa kana keessatti yakka qocholaa fi hannaa irratti bobba’anii turan jedhan.
‘Kadhaan karaarraa kuni sochii tiraafikaa fi namootaa danqaa ture akkasumas yaaddoo nageenyaati,’’ jechuun Dawodu dubbachuu miidiyaan biyya keessaa biyyattii gabaasaniiru.
Murtoon kuni kan kenname erga warreen yakka dalagan kadhattuutti of fakkeessuun jiraattoota erga haleelaniin booda jedhame.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.