Emireetoonni Araba Gamtoomanii lammiilee Naannoo Tigraayii buqqa’aniif deeggarsa taasiifte
Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC) – Emireetoonni Araba Gamtoomanii lammiilee Naannoo Tigraayii buqqa’aniif deeggarsa midhaan nyaataa taasiisuu ibsameera.
Sagantaa Nyaataa idil addunyaa waliin ta’uun Xiyyaara midhaan nyaataa toonii 200 fe’e erguun ibsameera.
Deeggarsichi lammiilee sababa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu fi weerara vaayrasii koroonaan miidhamaniif kan oolu ta’uu himameera.
Emirootoonni Araba Gamtoomaanii tattaaffii deegarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasiifamu kan deeggartu ta’uu Ityoophiyaan Ambaasaaddarri Emirootoota Araba GamtoomaaniiMahaammad Al Raashiidiin dubbataniiru.
Yeroo ammaa naannichatti dhiyeessiin gadi aanaa yoo ta’u, sagantaan nyaataa addunyaa Emirootoota Araba Gamtoomaaniirraa Zayida kuduraa, Midhaan nyaataa, boba’aa fi deeggarsa namoomaa hanga danda’ametti dhiyeessuu karoorfachuu ibsameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.