Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti weerarri COVID-19 haala yaaddeessaan tamsa’aa jira

Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC)- Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa haala yaaddeessaan tamsa’aa jiraachuu Inistityuutiin Fayyaa Hawaasa beeksisee.

Inistityuutichi guyyaa guyyaan bifaa akeekkachiisaan erga dabarsaa jiraatuus hawaasa bira of dagannaa jiruun tamsa’inni vaayrasiichaa dabalaa kan jiru.

Kanafis lakkoofsi namoota vaayrasichaa qabamanii, lubbuu isaanii kan dhabanii fi kanneen dhibichii itti haamataa jiru haala yaaddeessaan dabalaa jiraachuu ragaan Inistityuutichaarra argame  ni muul’dhisa.

Akka fakkenyaattis guyyaa kaleessaa namoota kuma 7 fi 686 qorannoo laabratoorii kan taasifamee yoo ta’uu, kanneen keessaa namoonni dhuunfa 985 vaayarsichaan qabamaniiru.

Kana jechuunis namoota saamudaa laataan 100 keessaa 13 (%13) vaayrasichirratti argameera.

Guyyaatti namoonni 19 gara kutaa yaala dhibee cimaa seenaa kan jiran yoo ta’uu, waliigala namoonni 448 kutaa yaala dhibee cimaa keessaatti argamu jedhameera.

Namoonni 10 ammoo guyyuma kaleessaa lubbuusaanii dhabaniiru.

Kutaan hawaasa hundi, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa ta’aan, dhaabbileen amantaa, waldaan siiviikii, dhaabbileen tajaajilaa laataan, ogeeyyiin fayyaa, hayyoonnii fi qaamoleen ilaallatuu biroon weerarri vaayrachii rakkoo hammataa akka hin qaqqabsiifneef maloonni ittisa vaayrasichaa hojiirra akka ooluuf waamichaa dhiyeesseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.