Fana: At a Speed of Life!

Mootummaa naannoo Oromiyaa hiriira balaaleffannaa ABO Shanee magaalota garaagaraa keessatti gaggeeffame galateeffateera

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) – Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa hiriira balaaleffannaa gurmuu shororkeessaa ABO Shanee kaka’umsa ummataatiin qophaa’ee guyyaa har’aa magaalotaa fi godinaalee adda addaa keessatti geggeeffamaa ooleef galata guddaa qabaachuu ibse.
 
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaatera.
 
Mootummaan naannoo Oromiyaa ummanni naannichaa gocha badii fi yaada hammeenyaa murna ABO Shanee hubachuudhaan qophii ga’aa gochuun balaaleffachuunsaa, sadarkaa bilchina siyaasaa ol’aanaarra ga’uusaa kan agarsiisu ta’uu hubata jedhan.
Naannoosaa diinarraa eeggachuuf qophii ga’aa qabaachuusaa kan agarsiisu akka ta’e mirkaneesseera.
 
Kanaafuu, kutaaleen hawaasaa adda addaa fi caasaaleen mootummaa hiriira guyyaa har’aa gaggeeffamaa oole milkeessitan galata guddaa qabdu jedheera.
 
Magaalonnii fi godinaaleen qophii fi kaka’umsa ummataatiin guyyoota itti aanutti hiriira wal fakkaatu gaggeessuuf qophooftan akka jirtanis hubatameera.
 
Gama tokkoon gochoota badiifi hammeenyaa murna shororkeessaa ABO Shanee saaxiluu, gama biraatiin ammoo nageenya naannawaa keessanii karaa guutuu ta’een mirkaneessuuf akka qophooftan yaadachiisna.
 
Dargaggoonni daandii qabsoo sirrii isinitti fakkaatee ABO Shaneetti makamtaniifi amma gocha isaanii ilaaltanii gaabbitan gara ummataatti deebi’uun keessan gootummaadha.
 
Warri gochoota badii murna shororkeessaa ABO Shanee keessatti hirmaachuudhaan dogongora seenaa raawwachuu keessaa ba’uuf murteeffattan mootummaafi ummatatti akka harka kennattan dhaamna.
 
Humna birmadummaa biyyaa gaaffii keessa galchuuf socho’urratti tarkaanfiin araarama hin qabne itti fufiinsaan kan fudhatamu ta’uu yaadachiisaa, ummanni hirmaannaa ho’aa agarsiisaa jiru cimsee akka itti fufuuf mootummaan waamicha dabarsa.
 
Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa
 
Hagayya 2013
Finfinnee
FinfinneeFuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.