Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Ambootti dhaabbilee daldalaa seeran ala daballii gatii taasiisanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) – Magaalaa Ambootti dhaabbilee daldalaa seeran ala daballii gatii taasiisanirratti tarkaanfiin fudhatamuu Bulchiinsi magaalichaa beeksiise.
 
Jiraattoonni gama isaaniin meeshaaleerratti guyyaa guyyaan daballii gatii taasiifamaa jira ittisuuf tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu gaafataniiru.
 
Daballii gatii seeraan alaa ittisuuf koreen hundaa’ee to’annoo fi hordoffii taasiisaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa magaalaa Amboo obbo Kumalaa Hirphaa ibsaniiru.
 
Dhaabbileen daldalaa seeraan ala daballii gatii taaiisan 34, Kuusaawan 2 kan cufaman yoo ta’uu, Suuqiiwwan 103f ammo of eeggannoon laatamuu dubbataniiru.
 
Daldaltootaa seeraan ala gosa eeyyamaa qabaniin ala daldalaa turan 14 saamsamuu dubbataniiru.
 
Rakkoo muudataa jiru fufuuf humna shamattootaa cimsuuf hojjetama jiraachuu ibsameera.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.