Fana: At a Speed of Life!

Ergamtoonni garee shororkeessaa ABUT 32 to’annaa jala oolan

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC)- Ergamtoonni garee shororkeessaa ABUT 32 to’annaa jala oolaniiru.

Hojii badii garichaa raawwachuuf gara naannoo Beenishaanguul Gumuuz seenuuf kan turan ergamtoonni garichaa 32 to’annaa jalaa ooluu poolisiin beeksiseera.

Komishinarri poolisii naannichaa Ablaa’aaziim Mahaammaad akka ibsanitti, qaamoleen to’annaa jala oolaan qindeessummaa garee shororkeessaa ABUT tiin leenjii looltummaa biyya alaatti ka fudhataniidha.

Namoonni dhuunfa kunneen magaalaa Asoosaa, aanoolee Gurmuukiirra daangaa kutanii seenuuf wayita yaalanitti to’anna jalaa oluudha kan ibsamee.

To’annaa jala kan oolaan hedduun isaanii dargaggoota yoo ta’aan, garee shororkeessaa ABUT raga sobaa ‘mootummaa federaalaa dhadhabeera’ jedhuun gowwofamuun gara daandii badiisaarra kan imalaniidha jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.