Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen nageenyaa Naannoo Sidaamaa hoggantoota aanaalee ollaa naannoo Oromiyaa fi Kibbaa waliin haala yeroorratti mari’atan

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC) – Qaamoleen nageenyaa Naannoo Sidaamaa hoggantoota aanaalee ollaa naannoo Oromiyaa fi Kibbaa waliin haala waqtaawaa biyyaarratti marii taasiisaniiru.
 
Haala waqtaawaa biyyaalessaa fi dhimmoota daangarratti naannolee fi Godinaalee waliin mari’achuun jaalalaa fi tokkummaa biyyaa agarsiifan jedhan Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Sidaamaa obbo Alamaayyoo Ximootiiwoos.
 
Mariin kun carraa biyyaa gara fuulfuraaf murteessaa ta’uu kaasaniiru.
 
Gareen shororkeessaa ABUT waggoottaan 27 darbaniif biyya hacuucaa ture ammas deebi’ee dhufuun biyya qooduuf tattaaffii taasiisaa jedhan Preezaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon.
 
Garee guddinaa fi tokkummaa Ityoophiyaa hin feena waliin falmaa jirra jechuun dubbatan.
 
Maricharratti kan argaman Preezddaantiin Naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon, yeroon yeroo Ityoophiyaaf haalaan barbaachiifnuudha jedhan.
 
Marii kanarratti jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa fi caasaalee nnageenyaa godinaalee ollaa naannoo Oromiyaa, Sidaamaa fi godina Walaayitaa argamaniiru.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.