Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Daseetti haala waqtaawarratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC) – Haalaa waktawaa biyyattiirratti abbootii amanta magaalaa Dasee keessaa walitti babba’an waliin mariin gaggeeffame.
Waltajjii marii kana irratti Ministir Deettaan Ministeera Qonnaa fi dubbii himaa addaa Waraanaa Walloo Kibbaa obbo Wandalehu Habtaamuu, abbootii Amantaa Magaalaa Dasee dabalatee jiraatoonni magaalaa Dasee argamaniiru.
Badii gareen ABUT naannoo Amaaraa fi kutaalee biyyattii garaagaraarratti raawwataa jiru haalaa qolachuun danda’amu irratti abbootii amantaa kanneen waliin mari’atameera.
Waltajjii marii kana irratti qorannoon sababa garee ABUT naannoo Amaaraa fi kutaalee biyyattii garaagaraa irratti gaggeessisaa jiru gorsaa preezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa obbo Alamuu Janbaruun dhiyaatera.
Naannichaatti lammiileen kumni dhibbi 5 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu ibsaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT Dhaabbilee amantaa akka daheeffannaatti fayyadamuun miidhaa qaqqabsiisuu obbo Alamuun himaniiru.
Rakkoo nageenya biyyaa muudataa jiru keessaa ba’uuf deeggarsi abbootii amantaa olaanaa ta’uu himameera.
Abbootiin Amantaa waltajjii marii kana irratti hirmaatanis rakkoo nageenyan garee ABUT rawwachaa jiru dura dhabbachuun deeggarsa isaanirraa eeggamu kan taasiisan ta’uu himaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.