Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad ogeeyyii aartii giddugalaa waraanaatti qophiiwwan dhiyeessan galateeffatan

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ogeeyyii aartii giddugalaa waraanaatti qophiiwwan dhiyeessan galateeffataniiru.

Ogeeyyii aartii qophiiwwan mata duree ‘Ityoophiyaa  baraaruuf na duulaa yoomiyyuu, eessattuu, maaliinuu’ jedhuun tiiyataraa biyyooleessaa, giddugalaa aadaa Oromoo fi manneen tiyaataa Finfinneetti akkasumas giddugalaa leenjii loltummaatti argamuun dhiyeessaniiru.

Aartiin yeroo kamuu Ityoophiyaa waliinii jirti jechuun Dooktar Abiy Fuula Twiitaraa isaaniin ibsaniiru.

Kanafis ogeeyyii artii qophiiwwan kanneen dhiyeessan galateeffachuu, ogeeyyiin aartii biroon kayyoosaanii akka hordofaan abdiin qaba jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.