Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dhaabaan Xaafii fi Avookaadoo kilaasteraan misoomaa jiru daawwatan

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dalee Godina Shawaa Bahaatti Xaafii fi Avookaadoo kilaasteraan misoomaa jiru daawwaachuun qonnaan bultoota jajjabeessaniiru.
Obbo Dhaabaanis hojiin bara kana kilaasteraan oomishuurratti hojjemaa jiru jajjabeessaa ta’uu dubbataniiru.
Qonnaan bultoonni kunuunsaa fi eegumsa midhaaniirratti cimanii akka hojjetan dhaamaniiru.
Milkaa’ina gama hojii qonnaatiin argamaa jiruuf Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa, hojjetoota misoomaa fi ogeeyyiia qonnaa, qorattootaa fi qooda fudhattoota hunda galateeffataniiru.
Hirphoo Shibootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.