Fana: At a Speed of Life!

Ummanni naannoo Oromiyaa biyyattii badirraa baraaruuf RIBtti makamuun hirmaannaan taasisaan seenaa addaa ta’ee galmaa’eera-MNO

Finfinnee, Hagayya 10, 2013(FBC)- Ummanni naannoo Oromiyaa qabeenya maallaqaa fi akaakuun gumaachuurra darbee hanga raayyaa ittisa biyyaatti makamuutti hirmaannaan taasise seenaa addaa ta’ee galmaa’eera jechuun Mootummaan Naannooo Oromiyaa ibseera.

Ibsi mootummaan naannichaa baasee guutuun akka argamaan gaditti dhiyaateera:-

Mootummaafi ummanni naannoo Oromiyaa ejjennoo cimaa, “Itoophiyaa Baraaruuf Nan Duula; Eessattuu, Yoomiyyuu, Waan Hundaan!” jedhuun hojii qabatamaa keessatti argamu. Karoora diigumsaafi walfixiinsaa shororkeessitoota TPLF/Juntaafi Shanee fashaleessuudhaan bilisummaafi birmadummaa biyyaa raafama tokko malee itti fufsiisuuf waardiyyaa dhaabbataniiru.

Gamtaan irree ummataa baadiyyaa hanga magaalaa, dargaggoo hanga maanguddoo, shamarree hanga haayyoo deeggarsa gootaafi gaachana birmadummaa raayyaa ittisa biyyaarratti uumame humnoota shira mul’ataafi dhokataatiin Itoophiyaa diiguuf amuummatan hunda rifachiiseera. Ummanni qabeenya maallaqaafi akaakuun gumaachuu bira darbee, biyya diigumsarraa baraaruuf hanga raayyaa ittisa biyyaatti makamuutti hirmaannaan taasise seenaa addaa ta’ee galmaa’eera. Hirmaannaa deeggarsa goota raayyaa ittisa biyyaa kun ammas cimee itti fufeera.

Boqonnaa seenaa duula biyya baraaruu kana keessatti gootonni dirree hundaa adda bahanii galma’aa jiru. Kutaaleen hawaasaa adda addaa ejjennoo cimaa “Lukkuu hanga Lubbuutti!” jedhu qabatanii goota raayyaa ittisa biyyaatiif deeggarsa gosa hundaa gumaachaa jiru. Abbootiin qabeenyaa miira abbaa biyyummaan yaadaniifi qalbii sirrii qaban, qabeenya isaaniitiin goota raayyaa ittisa biyyaa tumsaa jiru. Raayyaan ittisa biyyaa ammoo imaanaa ummataatiif amanamee biyya baraaruudhaaf tarkaanfiiwwan injifannoo lakkaa’amuun dabaalame fudhachuurratti argama. Weerara keessaafi alaa dirree waraanaafi dippilomaasiitiin Itoophiyaarratti baname qolachuudhaan seenaa haaraa galmeessaa jira.

Boqonnaa Itoophiyaa baraaruuf roga hundaan duuluurratti argamnu kanatti, humnoonni qaala’iinsa gabaa nam-tolchee uumaniifi haala akka carraatti fayyadamanii duroomuuf hojjetan jiraachuun adda baheera. Lakkoofsi daldaltoota meeshaalee bu’uuraarratti gatii hin malle dabalanii muraasa ta’us, hojii isaaniitiin humna shororkeessaa TPLF/Juntaa ifatti Itoophiyaarratti waraana labserraa adda baasnee kan ilaallu miti. Kanaafuu, namoonni osoo hin hubatin qaxxaamuraan qabeenya horachuuf jecha gocha gantummaa biyyaafi ummataa kana keessatti hirmaattan ariitiin harka akka sassaabbattan dhaamna. Kanneen ilaalchaafi gochaan makamanii dirree daldalaatiin hojii baandummaafi ergamtummaa bahachuuf murteeffattan irratti mootummaan tarkaanfii barsiisaafi araarama hin qabne fudhachuuf qophii ta’uu ibsa.

Rakkoon qaala’iinsa gatii oomishaa sababoota haala qabatamaa biyyaafi idil-addunyaatiin uumame akka eegametti ta’ee, daballiin gatii ofittummaafi albaadhummaa namoota dhuunfaatiin uumamu kamuu tumsa ummata keenyaatiin akka saaxilamuuf waamicha dabarsina. Adeemsa kana keessatti hoggansaafi ogeessa mootummaa ergama itti kenname dagachuudhaan gocha mirgaafi faayidaa ummataa miidhu keessatti qooda fudhate kamirrattuu tarkaanfii araarama hin qabne kan fudhannu ta’uu cimsinee yaadachiisna.
Itoophiyaa Baraaruuf Nan Duula; Yoomiyyuu, Eessattuu, Waan Hundaan!
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Hagayya 2013
Finfinnee

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.