Fana: At a Speed of Life!

Ejansichi Baankii Bunnaa Internaashinaalii waliin hojjechuuf waliigale

Finfinnee, Hagayya 10, 2013(FBC)- Eejansii Galmeessaa fi Mirkaneessaa Sanadootaa fi Baankiin Bunnaa Internaashinaalii waliin hojjechuuf waliigaltee sanadaa mallatteessaniiru.

Waliigalticha daayreektarri olaanaa Ejansichaa obbo Muluuqaan Amaarii fi preezdaantii Baankii Bunnaa Internaashinaalii obbo Mulgeetaa Alamaayyoon mallateessaniiru.

Waliigaltichi maamiloonnii sanada bakka bu’iinsaa gara baankiitti geessaan sirrii ta’uun maddaa odeeffaannoo ejansichaarra sirnoota ittin mirkaneessaa eegalchiisuuf kan deeggaruudha jedhameera.

Daayreektarri olaanaa ejansichaa obbo Muluqaan waliigaltichi tajaajilamtoota sanada sobaa qabatanii gara baankii deemaan hambisuuf yakka ittisuuf kan dandeessisuu ta’uu himaniiru.

Preezdaantiin baankii Bunnaa Internaashinaalii obbo Mulgeetaan gama isaaniin waliigaltichii dameewwaan baankichaa hundaatti hojiirra akka ooluu himuusaanii Eejansii Galmeessaa fi mirkaneessaa Sanadootaarra argmee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.