Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Dabra Libaanoositti roobni cimaan cabbii makatee roobeen miidhaan qonnaan bulaarratti miidhaa geessisee

Finfinnee, Hagayya 10, 2013(FBC)- Godina Shawaa aanaa Dabra Libaanoositti roobni cimaan cabbii makatee roobeen miidhaan qonnaan bulaarratti miidhaa geessiseera.

Aanichatti guyyaa kaleessaa naannoo sa’atii 11:30 rooba cimaa cabbiin wal makatee rooben ganda Waakkeennee Gooxii Dabbisii, gooxii Kurfaa fi ganda Gooroo Warxuu gooxii Midaa jedhamuttii oomisha qonnaan bulaa irraa miidhaa geessisee jira.

Lafa miidhan irraa gahee yeroof bal’inni isaa adda kan hin baanee yoo ta’u, gandoota miidhan irraa gahe kanneen Itti Aanaan Bulchaa Aanichaa Obbo Xibabuu Asaaffaa daawwachuu ragaan waajjira dhimmota kominikeeshinii Mootummaa aanaa Dabra Libaanoosrra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.