Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli lafaa fi lafaan walqabatan yeroo hin murtoofneef akka dhorkamu murtoon darbe

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Kaabineen Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Tajaajilli lafaa fi lafaan walqabatan yeroo hin murtoofneef akka dhorkamu murtoo dabarse.

Kaabineen bulchiinsa magaalichaa Hagayya 7, 2013 eegalee dhaabbileen bulchiinsa lafaa, Abbaan Taayitaa qindoomina bu’uraalee misoomaa fi eeyyama ijaarsaa akkasumas kutaaleen magaalaa 11 nu sarkulaarii dabarsaniin tajaajilli lafaa fi lafaan walqabatan yeroo hin murtoofneef guutumaan guutuutti akka dhorkamu murtoo dabarsaniiru.

Namoonni dhuunfan tokko tokko haala waqtaawaa akka carraatti fayyadamuun qaxxaamuraan tajaajila lafaa fi lafaan walqabaturratti xiyyeeffachuun sochii saamicha lafaa taasiisaa jiraachuu isaanii hubachuun bulchiinsi magaalichaa murtoo kana fudhachuu himameera.

Sababa kanaan Tajaajilli lafaa fi lafaan walqabatan dhaabbilee lafaa Abbaa Taayitaa qindoomina bu’uraalee misoomaa fi eeyyama ijaarsaa kutaalee magaalichaa hundarratti yeroo hin murtoofneef akka dhorkamu murtoon darbuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.