Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti farreen nageenyaa 170 ol barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Karaa Sudaaniin galuun naannichatti gochaa shororkeessummaa raawwaachuuf humnoon badii socho’aa turan 170 ol barbadaa’uu ibsameera.
Naannoo Beenishaanguul Gumuz godina Matakkal aanaa Gubbaa iddoo Almahaal jedhamurrti humnoonn garee shororkeessaa karaa Sudaaniin galuun lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuuf socho’aa turan 170 barbadaa’uu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa beeksiiseera.
Raayyaan Ittisaa, Poolisiin Federaalaa, qaamoleen nageenyaa naannichaa, Sidaamaa fi Gaambeellaa tarkaanfii qindoominaan fudhataniin farreen nageenyaa kanneen barbadeessuun danda’amuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsa fi Nageenyaa Naannoo Beenishaanguul Gumuuz obbo Abiyoot Albooroon ibsa laataniin himaniiru.
Kanneen tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa keessaa 16 ol kan ta’an miseensota garee Shororkeessaa ABUT ta’uu eeruu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.