Fana: At a Speed of Life!

Ajajni Bahaa garee shororkeessaa barbadeessaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Miseensoonni Ajej Bahaa Raayyaa Ittisaa Naannoo Afaariitti Humna garee Shororkeessaa ABUT barbadeessaa jiraachuu Meejar Jeneraal Balaay Siyyuum dubbatan.
 
Miseensoonni Ajeja Bahaa Raayyaa Ittisaa qaamolee Nageenyaa waliin qindaa’uun garichi yeroo dhumaaf akka barbadeessu kallattii laatamuu Ajejaa Olaanaan Ajeja Bahaa Raayyaa Ittisaa Meejar Jeneraal Balaay Siyyuum ibsaniiru.
 
Miseensoonni Ajeja Bahaa dirqama itti laatame bu’uura godhachuun adda waraanaa Afaariin injifannoo guddaa galmeessaa jiraachuu eeraniiru.
 
Waraanni diinaa kun sarara Jiibuutiin muraa dhufuun yaadee socho’us murannoo fi gootummaa miseensoota Raayyaa Ittisaan fashalaa’uu himaniiru.
 
Hawaasni olola sobaa garee Shororkeessaa kanaan burjaaja’uu akka hin qabne Meejar Jeneraal Balaay Siyyuum yaadachiisaniiru.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.