Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Samaraatti lammiilee buqqa’aniif sagantaan galii walitti qabuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Magaalaa Samaraatti lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif sagantaan galii walitti qabuu gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
Sagantaa bashannanaa qopheessuun ummanni hanga humna isaa tikkeetti bituun bashannanaa deeggarsa akka taasiisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himameera.
Gurgurtaa Tikkeettii kanarraa birrii miiliyoona 1.5 walitti qabuuf karoorfamuu walitti qabaan koree Qophii obbo Mahaammad Ahimad ibsaniiru.
Sagantichi ummaanni Milishaa, Humna addaa fi Raayyaa Ittisaa cinaa ta’uun garee shororkeessaa ABUT dhabamsiisuus sochii taasifamu deeggarsa itti fufiinsa qabu akka godhuuf kaayyeeffamee qophaa’uu himameera.
Waltajjicharratti sagantaan bashannansiisaa fi onnachiiftuu garaagaraa ni dhiyaatu jedhameera.
Saganticharratti Preezdaantiin Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaa dabalatee hoggantoonni olaanoon biroo ni argamuun eeggama.
Xibabasillaasee Janbaruutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.