Dhaabbatichi Birrii biiliyoona 2 mancaatirraa baraaruu beeksiise
Finfinnee, Hagayya 7,2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa to’annoo Hojii Ijaarsaa Ityoophiyaa bara baajataa 2013 adeemsa ijaarsaa keessatti Birrii biiliyona 2 mancaatirraa baraaruu beeksiise.
Dhaabbatichi Proojektoota gurguddoo mootummaan hojjetaman uwwisa seeraan yeroo, bu’aa qabeessummaa gatii, qulqullinaa, nageenya naannoo fi gama fayyaan hojii to’annoo gaggeessaa turuu ibseera.
Bara 2013 Proojektoota 103 baajata Birrii biiliyoona 27.5 hojiin ijaarsaa gaggeeffamaa tureerratti hojii to’annoo fi hordoffii gaggeesseen Birrii biiliyoona 2 mancaatirraa baraaruu himameera.
Faayila ogeeyyii Indaastirii Ijaarsaarratti bobba’an kuma dhibba 1 fi kuma 12 fi 586, Kaampaanii kuma 24 fi 929, Meeshaalee kuma 19 fi 405 fi Proojektoota kuma 1 fi 604 gurmeessuu ibseera.
Tajaajilamtoota galmaa’an kuma 36 fi 272f waraqaa ragaa,eeyyamaa, haaromsaa fi kanneen walqabatan laachuu beeksiiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.