Fana: At a Speed of Life!

Midhaan deeggarsa namoomaa karaa naannoo Afaariin lammiilee deeggarsa barbaadaniif dhiyaachuuf sochii eegaluu ibsame

Finfinnee, Hagayya 6, 2013 (FBC) – Lammiilee sababa garee Shororkeessaa ABUTtiin qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqaniif midhaan deeggarsa namoomaa karaa naannoo Afaar Kaaliigommaan iddoo barbaaddamutti dhiyaachuuf sochii eegaluu Waajjiiru Muummee Ministiraa ibse.
Garichi rakkoo uumeen naannoo Afaarii fi Amaaraa lammiileen kumni dhibbi 3 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu himameera.
Mootummaan yeroo ammaa garee shororkeessaa naannoo Tigraay mandheeffatee jiru irratti duula gaggeessaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Seekreetariyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa Buullanee Siyyuum ibsaniiru.
Lammiileen naannoo isaanii si’oominaan eeguu akka qaban waamicha dhiyeessuu ibsaniiru.
Hanga ammaatti konkolaattoonni 277 deeggarsa namoomaa fe’uun gara naannoo Tigraay seenuu himaniiru.
Hawaasni idil addunyaa olola garee ABUT dhaggeeffachuu jiraachuu ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.