Jiraattoonni magaalaa Hayiqii rakkoo nageenya garee ABUT hawaasarraa ga’aa jiru ittisuuf qophii ta’uu himan
Finfinnee, Hagayya 6, 2013 (FBC) – Jiraatoonni naannoo Amaaraa Godina Kibbaa Walloo magaalaa Hayiiqii rakkoo nageenya gareen ABUT hawaasa naanichaairraa ga’aa jiru ittisuuf qophii ta’uu himaniiru.
Kaantibaan magaalaa Haayiqii obbo Kabbadaa Kaasaan gocha garee ABUT ofii irraa qoolachuuf dargaggonnii fi haawasni magaalaa Haayiqii deeggarsaa gamaa garaagaraan taasisaa jiraachuu himaniiru.
Miidhaa jiraattoota magaalaa Waldiyaa fi kanneen qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an magaalicha keessaa jiran Kuma 10 oliif deeggarsa taasiifamaa jiraachuu obbo Kabbadaan dubbataniiru.
Odeeffannoo sobaa garichii tamsasuun hawaasa burjajjeessaa jiru irra hawaasni naannichaa ofii qusachuu akka qaban eeraniiru.
Gammachuu Beekumatu gaabase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.