Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Hundeeffama Yuunvarsiitiwwan Yaa’aa Laga Awaashii fi Waabee Shabalee gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 6, 2013 (FBC) – Fooramiin Hundeeffama Yuunivarsiitiiwwan Yaa’a Laga Awaash fi Waabee Shabalee fi waltajjiin haala waktaawaa Hidha Haaromsa Guddichaa Yuunvarsiitii Haramaayaatti gaggeeffamaa jira jedhame.
 
Waltajjicha Yuunvarsiitiin Haramaayaa kan qopheesse yoo ta’u, Ministir Deettaan Saayiinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Proofeseesar Afwarq Kaasuu, Walitti qabaan Garee Teeknikaa Hidha Haaromsa Guddichaa Proofeesar Silashii Yilmaa, dippiloomaatoonni adda addaa, walitti qabaan boordii Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Bulchaan Godina Harargee Bahaa obbo Huseen Fayyisoo dabalatee qaamoleen dhimmi ilaallatu biroo argamaniiruu.
 
Ityoophiyaan laggeen gurguddoon kan badhaate taatus, haala itti fayyadama isaa irratti boodatti haftee jirti jedhan Preezdaantiin Yuunvarsiitii Haramayyaa Dooktar Jamaal Yuusuuf.
 
Dhaabbileen barnoota olaanoo ogummaa fi qorannoon utubuun imala badhaadhinaa biyyaa eegalame milkeessuuf waltajjiin kun ga’ee guddaa qaba jedhaniru.
 
Ministir Deettaan Ministeera Saayiinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Proofeesar Afawarq Kaasuu gama isaaniin qabeenya uumamaa qabnutti fayyadamuun kan danda’amu beekumsa fi ogummaa qabnuun yoo deeggarreedha jechuun dubbataniiru.
 
Dhaabbileen barnoota olaanoos adeemsa baruu fi barsiisuun cinatti hidha haaromsa guddicha dabalatee laggeen biroo qorannoon deeggaruun fayyadamummaa biyya itti fufsiisuuf fooramiiwwan adda addaa hundeessuu irratti argamu jedhan.
 
Waltajjiin kun Yunvarsiitiiwwan 11 laga Awaash hanga laga Waabee Shabalee giddutti argaman kan hirmaachise yoo ta’u, qorannoowwan garaagaraa qabeenya laggeenii irratti xiyyeeffate dhiyaateera.
 
Yuunvarsiitiiwwan kunneen yaa’a laga Awaashii fi Waabee Shabalee hojiiwwan qabeenya laggeenii waliin misoomsuu waliigaltee mallatteessaniiruu.
 
Waltajjiin marii kun guyyoota lamaaf kan itti fufu yoo ta’u, Yuunvarsiitiiwwan 11n laga Awaashii fi Waabee Sheblee giddutti argaman Fooramicha hundeessuun kallattii fuula duraa ni kaa’uu jedhame.
 
Dhumarratti biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuu fi Raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga ni arjoomu jedhamee eegamaa.
 
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.