Fana: At a Speed of Life!

Kaayyoon humnoota Juuntaa fi ergamtootaa isaa tokkummaa uummattoota biyyatti ni fashala’aa-Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haala yeroo irratti addatti OBN waliin turtii taasisaniiru.

Guutuun ibsichaa akka argamaan gadiitti dhiyaateera:-

Ityoophiyaan humnoota Juuntaa fi ergamtoota isaaniin kan diigamtu osoo hin taanee, tokkummaa uummattoota biyyattin ijaaramtee kan ceetu ta’uu, kan eeran Obbo Shimmallis Abdiisaa, gochaan humni TPLF yeroo amma kana uummattoota biyyatti irra addatti ammoo Uummata Tigraayirratti raawwataa jiru badisa isaa saffisiisaa jedhan.

Humni kun kaleessaarraa kaasee dhiiga lammiilee biyyatti dhangalaasaa akkuma ture, duguggaa sanyii Maayikaadiraatti raawwate tibbanas lammiilee nagaa daa’imanii fi dubartoota Naannoo Affaar irratti rawwateera, kun immoo kayyoo badanii balleessuudhaa jedhan.

Obbo  Shimallis turtii isaanii OBN waliin taasisan Kanaan,shirriifi Gochaan Humnoonni TPLFfi ergamtoonni isaanii biyyoota alaa kufaatii keenyaaf hojjetan waliin tahuun nurratti hojjatan yoomiyyuu galma kan hin geenye tahuu tumsi Uummanni Oromoofi uummattonni biyyattii tibbana Humna Waraana Biyyichaaf taasisaa jiru ragaadhas jedhaniiru.

Gochiifi kaayyoon humna kanaafi ergamtoota isaa yeroo dhumaafis barbadaa’uun injifannoon Itiyoophiyaa kan dhugoomu tahuu dubbataniiru.

Haasaan pirezidaanti Shimallis OBN waliin taasisan bal’inaan karaa toora yoo tube keenya(Oromia President Office),OBN fi miidiyaa biroorratti ni dhiyaata.

Kaayyoon Humnoota juuntaafi ergamtoota isaanii Tokkummaa Ummattoota biyyattiin har’as kan fashala’u tahuu,Pirezidaanti Shimallis eeran.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Mottummaa Naannoo Oromiyaa Obbo shimallis Abdiisaa haala yeroo irratti addatti OBN waliin turtii taasisaniiru.

Itiyoophiyaan humnoota Juuntaafi ergamtoota isaaniin kan diigamtu osoo hin taanee, tokkummaa uummattoota biyyattiin ijaaramtee kan ceetu tahuu,kan eeran Piredaantiin BMNO Obbo Shimmallis Abdiisaa,gochaan humni TPLF yeroo amma kana uummattoota biyyattii irra guddoonimmoo Uummata Tigraayirratti raawwataa jiruu badisa isaa saffisiisaa jedhan.

Humni kun kaleessaarraa kaasee dhiiga lammiilee biyyatti dhangalaasaa akkuma ture,duguggaa sanyii Maayikaadiraatti raawwate tibbanas lammiilee nagaa daa’imaniifi dubartoota Naannoo  Affar irratti rawwateera,kun immoo kayyoo badanii balleessuu dhaa jedhan.

Obbo  Shimallis Turtii isaanii OBN waliin taasisan Kanaan,Shirriifi Gochaan Humnoonni TPLFfi ergamtoonni isaanii biyyoota alaa kufaatii keenyaaf hojjetan waliin tahuun nurratti hojjatan yoomiyyuu galma kan hin geenye tahuu tumsi Uummanni Oromoofi uummattonni biyyattii tibbana Humna Waraana Biyyichaaf taasisaa jiru ragaadhas jedhaniiru.

Gochiifi kaayyoon humna kanaafi ergamtoota isaa yeroo dhumaafis barbadaa’uun injifannoon Itiyoophiyaa kan dhugoomu tahuu dubbataniiru.

Haasaan preezdaant Shimallis OBN waliin taasisan bal’inaan karaa toora yoo tube keenya(Oromia President Office),OBN fi miidiyaa biroorratti ni dhiyaata.

BMNO Hagayya,2013

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.