Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi konkolaattoota midhaan fe’anii magaalaa Maqalee gahaanii 277 qaqqabe

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Konkolaattoonni dabalataa 57 deeggarsa midhaan fe’anii magaalaa Maqalee gahuu Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Arifachiisaa beeksiseera.
Baatii Adooleessa 30 darbe lakkoofsi konkolaattoota midhaan deeggarsa fe’anii magaalicha gahaanii 220 qaqqabuun isaa ni yaadatama.
Tibba kana ammoo konkolaattoonni 57 midhaan deeggarsa fe’anii Maqalee gahuusaanii hordofee waliigala konkolaattoonni midhaan deeggarsa fe’aanii naannichaa gahaan 277 qaqqabeera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.