Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni kutaa magaalaa Kolfee Qaraniyoo raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 85 ol taasisaan

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Jiraattoonni magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraniyoo raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 85 ol taasisaaniiru.

Jiraattoonni kutaa magaalichaa raayyaa ittisaaf horii qalmaa kuma 2 fi 243 fi deeggarsa galaa taasisaniiru.

Jiraattoonni kunneen sangoota 609, hoolaa kuma 1 fi 634 fi gala nyaata Birrii kuma 900 fi 618tti kan tilmaamamu taasisaniiru.

Deeggarsi taasifamees waliigala maallaqatti wayita shallagamuu Birrii miiliyoona 85 fi kuma 700 olta’uu TOI gabaaseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.