Fana: At a Speed of Life!

Harargee Lixaatti Proojektoonni garaagaraa eebbifaman

Finfinnee, Hagayya 4, 2013 (FBC) – Harargee lixaa Aanaa Odaa Bultumitti proojektoonni garagaraa 7 Birrii miiliyoona.40 oliin hojjatamaa eebbifaman.

Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultumitti Waldaan misooma Oromiyaa fi dhaabbanni ‘A Glimmer of Hope’ waliin ta’uun Proojektoota garagaraa Birrii miiliyoona 40 oliin hojjachiisa turran eebbifameera.

Proojektiin manneen Barnoota ,Oolmaa daa’immanii,Bishaan dhugaatii fi buufata Fayyaa bakka hoggantoonni naannoo fi godinichaa argamanitti eebbifamaniiru.

Itti Aantu Buchalcha Godinaa lixaa Adde Ikraam Xahaa sirna kana ijaatti haasawa taasisaniin wabii dhaloota boru kan ta’ee hojii waldayni misooma oromiyaa hojjate kana kunnuunsine dhalootatti dabarsuuf hawaasni naannoo kanaa cimee hojjachuu qabna jedhan.

Biiroo Barnoota Oromiyaatti Daayrektarri olaanaa fooyya’insa manneen barnoota obbo Shamshaddiin Ibraahim Waldaan Misooma Oromiyaa hojii hojjataniif galatoonfachuu,hojiin akkana gara fuula duraatis cimee akka itti fufu hirmaannaan hawaasaa dabaluu qaba jedhaniiru.

Ummanni Harargee Sangoota akka ilmoo isatti kunuunsee gabbise Gumaachuun Hundeeffama Walda Misooma Oromiyaatiif Shoora Guddaa akka qabu kan ibsanii Daayrekterri Olaanaan Waldaan Misooma Oromiyaa Obbo Dajanee Itichaa,gara fuul durattis kana caala ummata kanaaf hojjachuudhaaf qophii qabnjechuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominiskeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.